Afaan Oromoo
Baasiiwwan mana keessaa kaffaluuf gargaarsa barbaadduu?
Yeroo weerara COVID-19 itti kaffaltiiwwan human ibsaa, gaazii uumamaa yookin bishaanii kaffaluu yoo dadhabdan, gargaarsi ni jira.
Dhaabbata baasiiwwan keessaniitiif bilbilaa. Gaaffilee armaan gadii lamaan gaafadhaa:
- Sagantaalee gargaarsa kamiif ulaagaa guuttu?
- Haftee herreegaa isa darbee irratti karoora kaffaltii baasuu dandeessuu?
Kaffaltiiwwan humna ibsaa, gaazii uumamaa yookin bishaanii keessan taasisuuf gargaarsa barbaadduu? Teessoo keessan kaartaa fuula kana kessa jiru irratti galchaa: https://www.commerce.wa.gov/utility-assistance/.
Tarii sagantaa federaalaa kan namootaaf kaffaltii baasiiwwan mana isaanii kaffaluun gargaaruu irratti ulaagaa guutuu dandeessu.
Galii keessan irratti hundaa’uudhaan, sagantaa federaalaa kan “LIHEAP” (sagantaa gargaarsaa anniisaa manneen galii gadi-aanaa qabanii) jedhamuuf ulaagaa guutuu dandeessu. Sagantaan haaraa, kan kaffaltiiwwan bishaaniitiin wal-fakkaatu ijaaramaa jira. Kunneen fakkeenyota ulaagaa guutinsa sadarkaalee galiiti:
- Baay’inni maatii nama 1 yoo ta’e = galiin isaa ji’aan $1,595 gadi ta’e yookin waggaan $19,140 ta’e.
- Baay’inni maatii nama 2 yoo ta’e = galiin isaa ji’aan $2,155 gadi ta’e yookin waggaan $26,860 ta’e.
- Baay’inni maatii nama 4 yoo ta’e = galiin isaa ji’aan $3,275 gadi ta’e yookin waggaan $39,300 ta’e.
Odeeffannoodhaaf, 2-1-1 irratti bilbilaa yookin bakka jiraattanitti “eejansii gocha hawaasaa” tiif bilbilaa. Odeeffannoo qunnamtii argachuudhaaf kaartaa kana fayyadamaa: https://fortress.wa.gov/com/liheappublic/Map.aspx
Baasiiwwan biroo irratti gargaaruudhaaf qabeenyonni ni argamu. Odeeffannoodhaaf gara 2-1-1 itti bilbilaa.
Weerarichi Waashingitan keessatti namoota baay’ee kaffaltii hin eegamne keessa galchee jira. Qofaa keessan miti. Nama sagantaalee kaffaltiiwwan akka kiraa manaa, nyaataa, interneetii fi kaawwan kaffaluudhaan namoota gargaaran waliin wal- sin qunnamsiisu danda’u tokkotti haasawuudhaaf 2-1-1 irratti itti bilbilaa.
Last Updated 2021-06
- ኣማርኛ (AM)
- العربية (AR)
- Chuuk (CHK)
- Duetch (DE)
- Español (ES)
- فارسی (FA)
- Français (FR)
- हिन्दी (HI)
- Lus Hmoob (HM)
- 日本語 (JP)
- ကညီ ကျိာ် (KAR)
- ខ្មែរ (KM)
- 한국어 (KO)
- ພາສາລາວ (LAO)
- Kajin Majōl (MH)
- Tu’un Savi (MX)
- မြန်မာစာ (MY)
- नेपाली (NE)
- Afaan Oromoo (OM)
- ਪੰਜਾਬੀ (PA)
- Português (PT)
- Limba română (RO)
- русский язык (RU)
- Gagana Samoa (SM)
- Af-Soomaali (SO)
- Kiswahili (SW)
- தமிழ் (TA)
- తెలుగు (TE)
- ภาษาไทย (TH)
- ትግርኛ (TI)
- Tagalog (TL)
- українська мова (UK)
- ارُدُو (UR)
- Tiếng Việt (VI)
- 简体中文 (ZHS)
- 繁體中文 (ZHT)